Finfinnee, Muddee 21, 2014 (FBC)-Iraan Rookkeetti Simooriig ykn Rooniiks jedhamu gara hawwaatti furguggiisuu beeksisteetti.
Iraan bara Faranjoota 2015 waliigaltee Niwuukilaaraa irra ga’amee haala kakaasuun danda’amurratti wayita mariin taasifamaa jiruutti rookkeetti furguggisuun ishee tarii biyyoota lixaa aarsuuf ta’uu akka danda’uu tilmaamameera.
Biyyattiin rokkeettii furguggistee meeshaalee saatalaayitoota sadii baachuu kan danda’uu qaba jedhame.
Rookkeettittin hanga ammatti hawwaarra ga’uu fi ga’uu dhabuun wantii beekamee hin jiru.
Rookkeettiin qaama qorannoo hawwaa taatee kun yeroo tokkotti meeshalee qorannoo barbachiisaan sadii baachuu danda’uu ishee Dubbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Iraan Ahimad Hoseeyiin miidiya biyyattif ibsaniiru.
Biyyattin yeroo dhiyootti rokkeettiin furgugiftee milkaa’uu baataniis, dhaabbata qorannoo hawwaa ofiisheen taasifteen yaaliiwwanii fi hojiiwwan hojjetaman bu’a qabeessa ta’uu himameera.
Maddi:-TRT
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna