Finfinnee, Waxabajjii 20, 2014 (FBC) – Teehraan Sagantaa Hawaa Biyyaalessaa babal’isuuf rookeetii saatilaayitii yaaliif furguggisuu beeksifteetti.
Rookeetiin Dilbata kaleessaa furguggifame yoomii fi eessarraa akka furguggifamee wanti ifoome hinjiru jedhameera.
Rookeetiichi meetira 25.5 kan dheeratuu fi saatilaayiti kiilogiraamaa 220 fi saatilaayitoota xixiqqaa biroo baay’inaan gara hawaatti geejibuuf kan gargaaruudha jedhameera.
Rookeetiin kun Zuuljanaa kan jedhamee fi rookeetii boba’aa jaajjaboo fi dhangala’aa fayyadamu ta’uun eerameera.
Dubbi Himaan Misteeraa Ittisaa Iraan, tajaajila qorannnoof kan karoorfame ture ta’u ibsuun, rookeetiin Zuuljaan kun rookeetota saatilaayitii sadarkaa addunyaa jiran qixa ga’umsa kan qabuu ta’uu himaniiru.
Waayit Haawus dhimmicha ilaalchisuun deebii kenneen kana bu’aa kan hinqabne jechuun yaalii Iraan gatii dhabsiiseera.
Waashingitan sagantaa misaa’elaa baalaastik Iraan hojiirra oolchuuf jirtu irraa qoqqobbiin akka kaa’amu feeti.
Iraan garuu Ameerikaa fi michuwwan ishee naannawichaa Israa’elii fi Saa’ud Arabiyaarraa aggaammii mudatuun qolachuuf kan dandeessisuu fi faayidaa lolotummaaf kan oolu teeknolojii rookeetiirratti maallaqaa olaanaa ramaduun bal’inaan hojjechaa kan jirtu ta’uu RT’n gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.