Finfinnee, Adoolessa 10, 2016 (FBC)- Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Iraan Alii Akibaar waliin mari’ataniiru.
Marii isaaniinis invastimantii qonnaa fi teeknooloojiiwwan haaraarratti muuxannoo waljijjiiruuf dhimmoota dandeessisanirratti mari’ataniiru.
Dooktar Girmaan, Mootummaan Iraan damee qonnaarratti Itiyoophiyaa waliin hojjechuuf kutannoo argisiise dinqisiifataniiru.
Itiyoophiyaanis teeknooloojii qonnaa irratti Iraanirraa beekumsa qooddachuuf fedhii akka qabdu ibsan.
Itiyoophiyaan invastimantiif haala mijataa qabaachuu eeranii, abbootiin qabeenyaa Iraan damee qonnaarratti bobba’uu akka danda’an mirkaneessuu ragaan Ministeera Qonnaarraa argame ni mul’isa.
Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Iraan Alii Akibaar gama isaaniin, Mootummaan Iraan Itiyoophiyaa waliin damee qonnaan muuxannoo waljijjiiruu fi walta’iinsaan hojjechuuf fedhii qabaachuu eeraniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.