Iraan Filannoo Pireezidaantummaa gaggeessuu eegalte

Finfinnee, Waxabajjii 21, 2016 (FBC) – Pireezidaantii duraanii Ibraahiim Raayis balaa Xiyyaaraan lubbuun isaanii darbe bakka buusuuf Iraan Filannoo Pireezidaantummaa gaggeessuu eegalte.

Hogganaan Warraaksa Islaamummaa Iraan Ayyaatoolaa Saayid Teehiraanitti argamuun sagalee kennuu isaanii eerameera.

Iraan Qormaata siyaasaa ishee mudate keessaa baasuuf hirmaannaan lammiilee murteessaa ta’uu Ayaatolaan ergaa dabarsaniin himaniiru.

Lammiileen Iraan miiliyoona 61 ol ta’an filannicharratti ni hirmaatuun kan eegamu ta’uu Press TVn gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment