Investimantiiwwan qonnaan bultoota fayyadamoo taasisaan hojjechuun murteessaadha-Obbo Addisuu Araggaa

Finfinnee, Amajjii  21, 2014 (FBC)- Investimantiiwwan qonnaan bultoota fayyadamoo taasisaan hojjechuun murteessaadha jechuun Sadarkaa itti aanaa preezdaantiitti qindeessaa kilaasteraa magaalaa Obbo Addisuu Araggaan himaniiru.

Jilli obbo Addisuun Araggaan durfamu proojektoota garagaraa magaalaa Buraayyuutti daawwateera.

Kana dura proojektoonni yeroo hojjetaman uummata qe’ee fi qabeenya isaarraa buqqisuunu ta’us, yeroo ammaa uummanni keenya lafasaarratti fayyadamaa ta’aa jira jedhan.

Qonnaan bultoonni gara investimentiitti guddatan namoota hojii hin qabneef carraa hojii uumuu isaanii dubbatu.

Qonnaan bultoonni kunniin hojiilee garagaraarratti bobba’aniiru.

Kanaan dura qonnaan bultoonni kunniin lafa ofiirratti fayyadamaa hin taane ture.

Qonnaan bultoonni carraa Hojii dhabuun rakkachaa turan carraa hojiin mootummaan isaanii mijeessetti fayyadamuun hojiilee adda addaarratti hirmaachaa jiru.

Qonnaan bultoonni carraan  hojiilee uumameefii horsiisa looniirratti bobba’an ofirra darbanii namoota hedduuf carraa hojii dhaabbiifi yeroo uumneerra jedhu.

Namoonni carraan hojii uumameefiis hojii kana hojjechuun jireenya ofii foyyeffachuusaanii kaasuun nutis isaan kanarraa barnoota argannee fuldurattimmoo nutis carraa hojii namoota biroof ni uumna jedhan.

Qonnaan bultoonni keenya bara bulchiinasaa durii keessa investimentiitti galchuuf hudhaalee hedduutu ture kana hambifnee qonnaan bultoota fayyadamaa taasisuuf hojjechaa jirra jedhan kantiibaan bulchiinsa magaalaa Buraayyuu obbo Jagnaa Gizawuu.

Mul’ata biyyi keenya qabatte milkeessuuf dursa hawaasa fayyadamaa taasisuudha jedhan obbo Jangaan.

Nuti uummataaf qabsoofna jechaa ,qonnaan bultoota warri dararan of qusachuu qabu qonnaan bultoota investimentiitti ceesisuudha malee qonnaan bultoota buqqisuu miti jedhan obbo Addisuu Araggaan.

Kaffaaloo Shifarraatu gabaase

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment