Invastimantiin damee barnootarratti taasiifamu guddachuu qaba – Preezdaant Saahilawarq

Finfinnee, Sadaasa 7, 2014 (FBC) – Invastimantiin damee barnootarratti taasiifamu guddachuu akka qabu Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen ibsan.
Preezdaant Saahilawarq walga’ii barnootaa idil addunyaa Preezdaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakroonii fi Daayreektarri olaanaan ‘Yuuneeskoo’ Oodirii Azuulaay qopheessanirratti hirmaataniiru.
Damee barnootarratti qabeenya dabalataa dhangalaasuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.
Ityoophiyaatti dubartoota sababa waraanaan miidhaman fayyadamoo taasiisuuf komishiniin barnootaa tattaaffii kan taasiisu ta’uu Preezdaant Saahilawarq ibsaniiru.
Miseensonni Komishinii barnootaa waggoottan lamaan darbaniif dubartoota Ityoophiyaa fayyadamoo taasiisuuf murannoo agarsiisaniif Preezdaant Saahilawarq galateeffataniiru.
Aadaan nageenyaa akka babal’atuu fi barnoota nageenyaaf oolchuun haala danda’amurratti hojjetamuu akka qabu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Preezdaantii FDRI irraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment