Invastaroonni Sa’uud Arabiyaa carraa Invastimantii Ityoophiyaan qabdurratti akka hirmaatan gaafatame

Finfinnee, Fulbaana 5, 2015 (FBC) – Saa’uud Arabiyaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Leenchoo Baatiin invastaroonni Sa’uud Arabiyaa carraa Invastimantii Ityoophiyaan qabdurratti akka hirmaatan gaafatan.

Ambaasaaddar Leenchoon daayrektara olaanaa fi itti aanaa dura taa’aa ‘VIA Ships’ Obbo Turkii Almadhii fi waahillan isaan waliin mari’ataniiru.

Abbootiin qabeenyaa biyyattii qonna ammayyaa, albuudaa, fi damee anniisaa irrattis invastimantii akka godhan gaafataniiru.

Abbootiin qabeenyaa kunneen carraa invastimantii biyyattiin qabdu akka ilaalan affeeruu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Hojii gaggeessaa olaanaan kunii fi waahillan isaas dhaabbatichi damee agro piroosessing, anniisaa, baankii, fi teelekoomii seenuuf fedhii qabaachuu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment