Intarpiraayizoota oomishaa tumsuuf qaamolee dhimmichi ilaalatu waliin qindoominaan ni hojjenna-Injinar Nagaash Wageeshoo

Finfinnee, Bitootessa 3, 2015 (FBC)- Intarpiraayizoota oomishaa tumsuuf mootummaan naannichaa qaamolee tumsitoota waliin qindoominaan kan hojjetu ta’uu Itti Aanaan Pireezidaantii Naannoo Ummatoota Kibba-Lixa Ityoophiyaa Injiinar Nagaash Wageeshoo.

Injiinar Nagaash Wageeshoon sochii hojii interpiraayizoota xixiqqaa fi gadaanaa Magaalaa Boongaa daawwataniiru.

Sagantaa daawwannichaarratti daayrektara Olaanaa Misoomaa Intarpiraayizii Ityoophiyaa Allabaachoo Nigusee dabalatee qondaltota olaanoo federaalaa fi naannichaa biroon argamaniiru.

Sochiin interpiraayizootas abdii qabeessa ta’uu Injiinar Nagaash ibsaniiru.

Mootummaan naannichaas interpiraayizoota tumsuuf qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin qindoominaan kan hojjetan ta’uu himaniiru.

Dhiyeessii galtee fi liqii akkasumas walitti hidhamiinsa gabaa interpiraayizotaaf mijeessuuf xiyyeeffannaan kan hojjetamu ta’uu ibsuu isaanii ragaan kominikeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment