Finfinnee, Guraandhala 14, 2015 (FBC)- Intarpiraayiziin Sanyii Filatamaa Oromiyaa Ityoophiyaa guuboo daabboo taasisuu fi qamadii alaatti erguuf tarsiimoo biyyaalessaa qabameen walsimsiisuun sanyiilee filatamoo qamadii baay’isuu fi dhiyeessuurratti hojjechaa jiraachuu beeksise.
Inisheetivii jallisiinis ta’e roobaa Gannaan fedhii fi itti fayyadamni sanyii filatamaa qonnaan bultootaa dabalaa dhufuun himameera.
Intarpiraayizichatti Daayrektarri Fooyya’iinsa Oomishtummaa fi To’annoo Qulqullinaa Obbo Hundee Duguree Faanaa Biroodkaastiing Koorporeetiif akka ibsanitti, tarsiimoo biyyaalessaa galmaan ga’uuf barana inisheetiivii jalliisiif qamadii sanyii filatamaa kuntaalli kumni 150 dhiyaateera.
Fedhii jirurratti hundaa’uun dhiyeessii sanyiilee filatamoo qamadiif Intarpiraayiziin Sanyii Filatamaa Oromiyaa gahee olaanaa bahachaa jiras jedhaniiru.
Haaluma kanaan walitti fufiinsaan waggoota sadiif sanyiilee oomisha qamadii jallisiif barbaachisu dhiyeessaa turuu yaadachiisaniiru.
Tarsiimoo biyyaalessaa Ityoophiyaa guuboo daabboo taasisuu fi qamadii biyya alaatti erguuf qabameen walsimsiisuun baay’isaa fi dhiyeessa sanyiilee filatamoo qamadiirratti hojjechaa jiraachuus kaasaniiru.
Bu’uuruma kanaan oomishtumaan qamadii daabboo olaanaa ta’uu eeruun, inisheetiivii jallisiinis ta’e roobaa Gannaan sanyiiwwan murteessoo barbaadamanii fi tarsiimichaa milkeessuu keessatti gumaachan oomishuurratti xiyyeeffachuun hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Dabalaa Taaddasaatu gabaase.
#Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.