Intalajensiin Artifishaalaa Ityoophiyaa appilikeeshinii damee faayinaansii si’eessuu hojii eegalchiise

Finfinnee, Bitootessa 7, 2014 (FBC) – Intalajensiin Artifishaalaa Ityoophiyaa appilikeeshinii “Kuup Boot” jedhamu kan damee faayinaansii si’eessuu dandeessisu ifatti hojii eegalchiise.

Appilikeeshinichi Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa waliin hojjechuuf waliigalteerra ga’ameen kan misoome ta’uu ibsameera.

Namoonni bakka jiranirraa odeeffannoo fi tajaajila barbaadan akka argataniif teeknoolojii Chaat Boot jedhamu misoomsuu eerameera.

Appilikeeshinichi maamiltoonni sochiiwwan herregasaanii, maamila ta’uuf ragaalee barbaachisan, ATM fi lakkoofsi icitiisaanii yoo jalaa bade maamiltoonni filannoowwan afaanii kaa’aman fayyadamuun gaaffii barreessanii fi unka jiru guutuun odeeffannoo fi tajaajila barbaadan argachuu kan danda’an ta’uu ibsameera.

Taarikuu Laggasaatu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment