Institiitiyuutichi bara kana barattoota simatee barsiisuu akka eegalu ibse

Finfinnee, Fulbaana 21, 2013 (FBC) – Institiitiyuutiin Misooma Kennaa Addaa Innooveeshinii fi Teeknooloojii Ityoophiyaa bara kana barattoota simatee barsiisuu akka eegalu ibse.
Dhaabbatichi barattoota kennaa addaa qaban simatee kan barsiisudha.
Galteewwan boca barnoota dhaabbatichaaf ta’u walitti qabuuf mariin gaggeeffama jira.
Barattoota kutaa 9ffaa hanga 12ffaa jiran akkasumaas sirna barnoota idileen ala barattootni dhuunfaan kennaa addaa qaban kan baratan ta’uu ibsameera.
Instiitiyuutichi bara kana sirna baruu fi barsiisuu kan eegalu yoo ta’u abara dhufu barattoota kuma 1 simachuuf dandeettii akka qabu himameera.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment