Instiityuutiin Qorannoo fi Qo’annoo Oromoo kitaaboota 54 maxxansisuu beeksise

Finfinnee, Caamsaa 16, 2014 (FBC) – Instiityuutiin Qorannoo fi Qo’annoo Oromoo Afaan Oromootiin kitaabilee gosoota 54 maxxansisuu isaa beeksise.
Daayrektarri Olaanaan Instiityuutiin Qorannoo fi Qoo’annoo Oromoo Obbo Dirribaa Tarrafaa, bara 2007 irraa kaasee Gareen Qorannoo Afaan Oromoo hanga ammaatti kitaabota gosoota 54 maxxansiisee uummatan gaheera jedhan.
Gareen Qorannoo Afaan Oromoo, Qorannoo Afoolaa fi Hogbarruu, Qorannoo Galmee Jechootaa, Qorannoo Moggaasaa fi Waltina Afaan Oromoo fi Qorannoo Caasluga Afaan Oromoorratti xiyyeeffachuun kan hojjetu ta’uu himaniiru.
Afaan Oromoorratti qo’annoo fi qorannoo caalmaatti hojjechuuf xiiqii fi tattaaffii guddaan hayyoonni waltumsuun hojjachuun murteessaa ta’uu Obbo Dirribaan dhaamuu obn gabaaseera.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment