Finfinnee, Amajjii 13 , 2014 (FBC) – Instiitiyuutiin Qorannoo Qilleensaa Ityoophiyaa appilikeeshinnii ASIS jedhamu kan saaxilamummaa balaa sababa jijjiirama qilleensaan mudachuu danda’an hir’isuuf gargaaruu ifoomsuun hojiirra oolchuu Ittaanaan Hojii Raawwachisaa Inistiitiyuutichaa DooktarDiribaa Galataa ibsaniiru.
Appilikeeshinicha kan kanaan duraarraa addaa kan taasisu hongee fi beela mudachuu danda’an akaakuu fi iddoo itti uumaman siritti addaa baasuun dursee oddeeffannoo kennuu danda’uu isaa ta’uu Dooktar Diribaan himaniiru.
Appilikeeshinichi sirritti hojiirraa yoo oole balaa yeroo waqtii qonnaatti mudachuu danda’an dursee beeksisuun of eeggannoon akka taasifamuu gochuuf gahee olaana qabaachuu eeraniiru.
Appilikeeshiniin akka kanaa faayidaa guddaa waan qabaniif gara fuula duratti qaamolee garaagaraa waliin irratti hojjetamuu akka qabu Ministir Deetaan Ministeera Qonnaa Obbo Wondalee Habtaamuu ibsaniiru.
Maddi:- DhPI
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.