Finfinnee, Amajjii 24, 2014 (FBC)- Ministirri Ministeera Albuudaa Injinar Taakkalaa Uumaan damee invastimantii albuudaarratti Ambaasaaddara Ingilizii Dooktar Alaastaayir Maachifeelii fi Ambaasaaddara Awustaraaliyaa Juuliiyaa Niibileet waliin mari’atan.
Mariin isaanii sochii hojii dhaabbilee biyyoota lameenii oomishaa fi barbaacha gaazii uumamaa irratti bobba’aniirratti kan xiyyeeffate ta’uu gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Haala dhaabbileen biyyoota lameenii Ityoophiyaatti invastimantii albuudaarratti bal’inaan hirmaachuu danda’anirrattis mari’achuu eeraniiru.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa Qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.