Injinar Taakkalaa Uumaan adeemsa ijaarsa warshaa warqee Kurmuuk daawwatan

Amajjii 1, 2015(FBC)- Ministirri Ministeera Albuudaa Injinar Taakkalaa Uumaan adeemsa ijaarsa warshaa warqee Kurmuuk daawwatan.

Warshichi karoora oomisha warqee sadarkaa dhaabbilee gurguddootti guddisuuf qabame dhugoomsuuf agarsiistuu ta’uu Injinar Taakkalaan ibsaniiru.

Injinar Taakkalaa Uumaan ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, guyyaa har’aa naannoo Beenishaangul Gumuzitti adeemsa ijaarsa warshaa warqee Kurmuuk daawwachuu kaasaniiru.

Sagantaa daawwanichaarratti Injinar Taakkalaa dabalatee pireezidaantiin naannichaa obbo Ashaadilii Hasaniifi hoggantoonni olaanoon naannichaa biroon argamaniiru.

Warshaan warqee Kurmuuk baasii Birrii biiliyoona 14’n ijaaramaa jiraachuu ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment