Injiinar Taakkalaan tola ooltota waliin biqiltuu dhaaban

Finfinnee, Waxabajjii 4, 2012 (FBC) – Itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaan tola ooltota waliin biqiltuu dhaaban.

Sagantaan dhaabbii biqiltichaas mata dure ” Nyaata keenya oddoo keenya duubaa” jedhuun gaggeeffameera.

Bulchiinsa magaalichaatti hojii tola ooltumma Ganna bara kanaa ilaalchisuun Injiinar Taakkalaan tola ooltota Finfinnee iddoowwan 50 walitti babba’an waliin ta’un biqiltuu dhaabaniiru.

Dhaabbii biqiltichaarratti  guyyaa har’aa kan hirmaatan dargaggoota 50 ta’uun ibsameera.

Sagantaa dhaabbii biqiltichaarratti Injiinar Taakkalaan, dhaabbiin biqiltuu bara kanaa giddugaleessuummaa qonna magaalaa fi sababa weerara vaayrasii koroonaaf hanqina nyaataa mudachuu danda’u furuuf mata dure “Nyaata keenya oddoo keenya duubaa” jedhuun raawwatamaa jiraachuu ibsaniiru.

Sagantaa dhaabbii biqiltuu kanaan kuduraa fi muduraa akkasumas bunni dhaabamuu akka qabu dhaamaniiru.

Tsaggaaye Niguustu gabaase.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment