Injinaar Taakkalaa Uumaa fi Dooktar Liyaa Taaddasaa giddugala dandammannaa daawwatan

Finfinnee, Eebila 2, 2012 (FBC) –Injinaar Taakkalaa Uumaa fi Dooktar Liyaa Taaddasaa yaala vaayrasi koroonaa waliin walqabatee tajaajila laachaa kan jiru giddugala dandammannaa daawwatan.

Itti aanaa Kantiibaa Bulchiinsa magaalaa Finfinnee Injinaar Taakkalaa Uumaa Ministira Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa waliin ta’uun ogeessota fayyaa giddugalichatti tajaajila laachaa jiran waliin mari’ataniiru.

Ogeessoonni fayyaa gara alaatti otuu hin bahiin jireenya isaanii guutuu giddugalicha keessa taasifachuun rakkinni tajaajila garagaraa fi dhiyeessi akka isaan qunnamaa jiru kaasaniiru.

Rakkinota ka’aniif waltumsuun akka hiikaan kan ibsan Injinaar Taakkalaan bulchiinsichi deeggarsa akka taasisu ibsaniiru.

Bulchiinsi magaalicha ogeessota fayyaaf dhiyeessi nyaataa, jenaretara fi meshaalee garagaraa arjoomeera.

Deeggarsa ogeessota fayyaaf taasisu cimsee akka itti fufu ta’uu Injinaar Taakkalaan himaniiru.

Comments (0)
Add Comment