Injiinar Yiliqaal Geetinnat bilisaan gadi dhiifaman

Finfinnee, Hagayya 28, 2012 (FBC) – Injiinar Yiliqaal Geetinnat bilisaan gadi dhiifaman.

Yakka hokkara kakaasuu namaa fi qabeenyarra miidhaa dhaqqabsisuun shakkamuun  poolisiin qoratamaa kan turan Injiinar Yiliqaal Geetinnat  bilisaan gadi dhiifaman.

Mana murtii sadarakaa duraa federaalaa Araadaa qorataan poolisii dhaddachaa beellama duraa Injiinar Yiliqaal Geetinnat irratti qorannoo gaggeessaa ture xumuruu fi galmicha abbaa alanagaaf kennuun dhaddaachaaf ibsuun walqabatee abbaan alangaa guyyaa 10 keessaatti himata akka banuuf Hagayya 13, 2012 ajaja laatee ture.

Haata’uti, abbaan alangaa yeroo himata banuu keessatti himata banuu dhiisuu fi raga biroo adda baasu qaba jechuun walqabatee Injiinar Yiliqaal Geetinnat biilisaan gadi dhiifamaniiru.

Taariik Addunyaatu gabaase.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Comments (0)
Add Comment