Injiinar Taakkalaan yeroo Baatii Ramadaanaa tola ooltummaan daraan cimuu akka qabau waamicha dhiyeessan

Finfinnee, Eebila 15, 2012 (FBC) – Itti aanaan Kaantibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaan yeroo Baatii Ramadaanaa aadaa fi muuxxaannoon walgargaaruu daraan cimuu akka qabu waamicha dhiyeessan.
 
Injiinar Taakkalaan sooma Ramadaanaa guyyaa booru eegaluuf ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
 
Hordoftoota amantaa Islaamaa maraan baga baatii Ramaadaanaan isin ga’e jedhaniiru.
 
Baatiin kun baatii eebbaa, fayyummaa fi rakkoon itti darbu akka ta’u hawwii qaban ibsaniiru.
 
Baatiin Ramadaanaa waayita walgargaaran, walii yaadanii fi waliif gaddaniidha jedhan Injiinar Taakkalaan.
 
Haalli amma keessa jirru ammo yeroo caalmaatti walgargaaruun daraan itti murteessa ta’e waan ta’eef aadaa fi muuxxaannoon walgargaaruu qabnu daraan guddatee muul’achuu qaba jedhaniiru.
 
‘Jaalatamtoota ilmaan biyya kiyyaa yeroo dhiphuu fi rakkisaa kana darbuuf of eeggannoo cimaatu isinirraa eeggama’ jedhan Injiinar Taakkalaa Uumaan.
 
Qajeelfamoota ba’an hojiitti hiikuu fi fageenyaa keenya eeggachuun qaamaan walirraa fagaachuun yaadan walcinaa ta’uun yeroo itti barbaachisuudha jedhan.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment