Injiinar Taakkalaan qophii biqiltuu daawwatan

Finfinnee, Gurraandha 28, 2012 (FFBC) – Itti aanaan Kaantibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaan haala qophii biqiltuu ganna dhufu dhaabbatuu daawwatan.
 
Magaalichatti Ganna dhufu biqiltuu miiliyoona 10 dhaabuuf biqiltuun buufataalee 9 keessatti qophaa’aa jiraachuu ibsameera.
 
Biqiltuun yeroo ammaa qophaa’aa jiru kun miiliyoona 4 ol ta’uu ibsameera.
 
Biqiltuu miiliyoona 6 ammoo dhaabbileewwantu qopheessa jedhame.
 
Injiinar Taakkalaan buufataalee kanneenitti argamuun haala qophii isaa daawwataniiru.
 
 
Kan bara darbee caalaa bara kana iddoowwan filatamanitti biqiltuu dhaabuuf qophiin taasifamaa jiru gaarii ta’uu Injiinar Taakkalaan ibsaniiru.
 
Bulchiinsi magaalichaa iddoowwan biqiltuun dhaabbatu adda baasaa jiraachuus ibsaniiru.
 
Ganna darbe magaalichaatti biqiltuu miiliyoonni 3 dhaabbachuu isaa ragaan Waajjira Kaantibaa magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
 
Comments (0)
Add Comment