Injiinar Taakkalaan ijaarsa seeran alaa fi weerara lafaarratti tarkaanfii fudhatamurratti qaamolee dhimmi ilaallatu waliin mari’atan

Finfinnee, Muddee 22, (FBC) – Itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uuman ijaarsa seeran alaa fi weerara lafaarratti tarkaanfii fudhatamurratti qaamolee dhimmi ilaallatu waliin mari’atan.
 
Qorannaa gaggeeffamee fi hojii seera kabachiisuurratti tarkaanfii fudhatamurratti mari’atameera.
 
Labsii weerara lafaa fi ijaarsa seeran alaa ittisuuf ba’e 721/2004 hojiirra oolchuuf tarkaanfii fudhachuuf bulchiinsi magaalichaa qophii taasisaa jira.
 
Koomiishinarri Koomiishinii Poolisii Finfinnee Geetuu Arraagaaw tarkaanfichi seera kabachiisuu qofarratti kan xiyyeeffate ta’uu beeksisaniiru.
 
Hoggansa seera kabachiisuu dhabee fi hirmaannaa seeran alaa qaburrattis tarkaanfiin ni fudhatama jedhameera.
 
Ragaa ijaarsa seeran alaa qaamolee argatanirrattis hojiin qulqulleessuu hojjetamaa jira.
Comments (0)
Add Comment