Injiinar Taakkalaan hojii hubannoo uumuu kennaa jiru

Finfinnee, Bitootessa 19, 2012 (FBC) – Injiinar Taakkalaa Uumaan iddoolee garaagaraarra naanna’uun jiraattootaaf mala ittisa dhibee COVID-19 irratti hubannoo uumaa jiru.
 
Keessattuu iddoolee namoonni itti heddumatuutti argamuun of eeggannoo godhamuu qaburratti hubannoo kennaa jiru jedhame.
 
Injiinar Taakkalaan guyyaa har’aa naannoo Markaatoo, Maganaanyaa fi buufata kuduraa fi muduraatti argamuun of eeggannoo godhamuu qabuurratti hubannoo uumaa akka jiran ragaan Waajjira Kaantibaa magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
 
Comments (0)
Add Comment