Injiinar Taakkalaan ayyaana Qillee sababeeffachuun hojii tola ooltummaa Gannaan haadholii manneen isaanii haaromfame daawwatan

Finfinnee, Muddee 28, 2012 (FBC) – Itti Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaa ayyaana Qillee sababeeffachuun hojii tola ooltummaa Gannaan haadholii manneen isaanii haaromfame daawwataniiru.

Daawwannicha Injiinar Taakkalaa Uumaa dabalatee hoggantoonni hojii mootummaa garagaraa argamuu isaanii ragaan waajjira kantibaarra arganne ni muldhisa.

Bulchiinsa magaalichaatti Ganna dabrsineen hojii tola ooltummaan manneen namoota gargaarsa hin qabnee kuma 1 fi 573 haroomfamuun isaanii ni yaadatama.

Comments (0)
Add Comment