Injiinar Taakkalaa Uuman dargaggootaf kennaa ayyaanaa gumaachan

Finfinnee, Eebila 10, 2012 (FBC)- Itti aanaan kantiibaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uuman dargaggootaf kennaa ayyaanaa gumaachan.
 
Kennaan dargaggootaf gumaachame kun sangoota 40 yoo ta’u, abbootii qabeenyaarraa kan walitti qabamanidha.
 
Dargaggoonnis sangoota kanneen namoota harka qalleeyyidhaaf kan adda hiran ta’a.
 
Injiinar Taakkalaan hordoftoota amantaa Kiristaanaa maraan baga ayyaana sooma Hiikkaan ittiin isin ga’ees jedhaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
Comments (0)
Add Comment