Injiinar Taakkalaa Uumaan hoggantoota dhaabbilee idil addunyaa garaagaraa waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 2, 2014 (FBC) –Ministirri Ministeera Albuudaa Injiinar Taakkalaa Uumaan damee albuudaatiin dhiyeessiin faayinaansii akka argamu taasisuuf hoggantoota dhaabbilee idil addunyaa garaagaraa waliin mari’ataniiru.

Injiinar Taakkalaan fuula miidiya hawaasaa isaaniin akka ibsanitti, dameen albuudaa keenya haala qabatamaa addunyaa waliin akka imaluuf sadarkaa olaanaa akka guddatuuf dhaabbilee idil addunyaa waliin hojjechuu gaafata jedhaniiru.

Guyyaa har’aas dhaabbilee faayinaansii idil addunyaa kan ta’aan hoggantoota Baankii Invastimantii Awurooppaa, Baankii Misooma Afrikaa, Baankii Misooma Nizeerlaandii fi Baankii Misooma Faransaay waliin mari’ataniiru.

Marichaanis damee Albuudaa dhiyeessii faayinaansii olaanaa akka argatu taasisuu akka ta’e ibsameera.

Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment