Injiinar Taakkalaa uumaa miseensoota dhaabbilee idil addunyaa fi hawaasa diipilomaasii teessoo isaanii Finfinnee godhatan waliin turtii taasisan

Finfinnee, Hagayya 9, 2012 (FBC) –  Injiinar Taakkalaa uumaa miseensoota dhaabbilee idil addunyaa fi hawaasa diipilomaasii teessoo isaanii Finfinnee godhatan waliin turtii taasisan.

Turtii isaaniin nyaata barattoota, hojiiwwan suphee fi giddugala oogummaa dabalatee dhimmoota hojiiwwan hawaasummaa magaalicha keessatti hojjetamanirratti ibsa laataniiru.

Hawaasni diipilomaasi hojiiwwan suphee fi oogummaa gara gabaa alaatti akka dhiyaataniif walitti hidhaminsa gabaa akka uumamuuf tumsa akka taasisanii fi jirattoota damicharratti bobba’an akka deegggaran Injinaar Taakkalaan waamicha dhiyeessaniiru.

Miseensoonni hawaasa diipilomaasiis hojiiwwan magaalichatti hojjetaman dinqisiifachun deeggarsa akka taasisaan ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Comments (0)
Add Comment