Injiinar HabtaamuuTaganyi Ambaasaaddaroota Awuustraaliyaa fi Xaaliyanii waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 10 ,2015 (FBC)- Ministirri Minsteera Albuuda Injiinar HabtaamuuTaganyi Ambaasaaddara Awustiraaliyaa Juuliyaa Niibleetii fi Ambaasaaddara Xaaliyaanii Agostiino Poolesii waliin damee albuudaarratti akkata waliin hojjechuun danda’amuurratti mari’ataniiru.

Injinar Habtaamuun marii isaanii, dhaabbiileen albuudaa biyyoota lameenii Ityoophiyaatti damecharrati akka hirmataniif deeggarsa barbachisaa hundaa kan taasisan ta’uu ibsaniiru.

Ambaasaaddaroonnii biyyoota lameeniis dhaabbiilee albuudaa biyyattii, gara Ityoophiyaa dhufuun akka hojjetaniif fedhii qabaachuu ibsuu isaanii ragaan, Ministeeraa Albuudaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment