Finfinnee, Mudde 10, 2015 (FBC)- Ministirri Ministeera Bishaanii fi Injiinar Habtaamuu Ittafaa Daayrektara Dhaabbata Biyyoota Miseensota Misoomaa fi Tajaajila Meetirooloojii Idil Addunyaa Filiippi Luusiyoo fi Daayrektara waajjira naannwaa Afrikaa haaraa muudaman Dooktar Kijinii Aginas waliin mari’ataniiru.
Marii isaaniin Injiinar Habtaamuun akka jedhanitti odeeffannoo raaga haala qilleensaa hawaasaan ga’uun sababa jijjiirama qabeenyaa qilleensaan hongee fi balaa lolaa mudatan dandamachiisuuf bu’uura.
Kanaaf dhaabbatichi giddugala egzibiishinii dijitaalaa odeeffannoowwan haayidirooloojii fi kanneen biroon kallattiin hawaasaaf kan dhiyeessu ta’uu kaasuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
Daayrektarri Dhaabbata Biyyoota Miseensota Misoomaa fi Tajaajila Meetirooloojii Idil Addunyaa Fiiliippi Luusiyoo gama isaaniin, Ityoophiyaan dhimmoota raaga haala qilleensaarratti tumsii fi sochiin argisiisaa jirtu biyyoota biroorra fooyya’aa ta’uu eeranii, deeggarsi ishee kunis fuulduratti cimee akka itti fufu amantaa qaban eeraniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuuk:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.