Injiinar Azeeb Asnaaqaarratti himannaan baname

Finfinnee, Muddee 17, 2012 (FBC)- Injiinar Azeeb Asnaaqaarratti himannaan baname.
 
Hoji raawwachiistuu olaanaa Koorporeeshinii Humna Elektiriikaa Ityoophiyaa duraanii kan turan Injiinar Azeeb Asnaaqaarratti himannaan banameera.
 
Himannaa baname kanaan itti aanaan daayreektara olaanaa Koorporeeshinii Injinariingii Sibiilaa duraanii Koloneel Muluu Waldagabreel dabalatee namoonni 50 keessatti argamu.
 
Himannaan baname ciraa bosona ijaarsa Hidha Haaromsaatin kan walqabatudha.
 
Injiinar Azeeb Hagayya 2010 itti gaafatamummaa isaaniirraa kaafamuun ni yaadatama.
Comments (0)
Add Comment