Injifannoowwan argaman itti fufsiisuun misooma mirkaneessuurratti xiyyeeffannaan hojjetamaa jira-Obbo Awwaluu Abdii

Finfinnee, Mudde 7, 2016 (FBC)-Injifannoowwan argaman itti fufsiisuun misooma mirkaneessuurratti xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu Pireezidaantii Ittaanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii dubbatan.

Godiina Shawaa Bahaa Magaalaa Olancitiitti koonfiraansiin misoomaa fi nageenyaa gaggeeffameera.

Waltajjicharratti Obbo Awwaluun akka jedhanitti, nageenya mirkaneessuun injifannoowwan argaman itti fufsiisuu fi cimsuun misooma mirkaneessuurratti xiyyeeffannaan hojjetamaa jira.

Haaluma kanaan naannichatti jijjiiramni qabatamaan galmaa’uu himaniiru.

Gareen Shororkeessa Shaneen naannichaa naannawaa garaagaraatti nageenya lammiilee jeeqaa jiraachuu himanii, garichi mootummaadhaan karra nagaa banameef gufachiisuu itti fufuun kaasan.

Mootummaan naaannichaas Mootummaa Federaalaa waliin ta’uun hojii olaantummaan seeraa kabachiisuu gaggeessaa jiru cimsee itti fufa jedhaniiru.

Maraa’ol Kadiirtu gabaase.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment