Finfinnee, Sadaasa 4, 2014 (FBC)- Injifannoo Qindoomina qaamolee haqaa fi uummataan dhufaa jiruuf mootummaan galata guddaa kan dhiyeessu ta’uu Ministirri Tajaajila Koominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluu ibsaniiru.
Dooktar Laggasaan ibsa har’a laataniin, Uummanni Ityoophiyaa hundi birmadummaa biyyasaanii kabachiisuu fi balaa biyyarratti aggaamame qolachuuf gara addaatti duulaa jiraachuu ibsaniiru.
Naannoo isaanii eeguunii fi deeggarsa gama maraa taasisuun hirmaannaan taasisan kan nama boonsu ta’uu kaasaniiru.
Bakkeewwan hundatti sochiin uummanni duula birmadummaarratti hirmaachuuf taasise birmadummaa biyyasaarratti eenyu waliinuu jaarsummaa kan hin teeny ta’uusaa hundumaaf kan mirkaneesse ta’uu ibsaniiru.
Uuummanni qindaa’ee nageenya naannoo isaa eeggachaa jiraachuu, kanaanis qaamolee nageenyaa waliin ta’uun naannoo isaatti yakki akka hin raawwatamne eeguun shorri taphachaa jiru cimee itti fufuu akka qabu kaasaniiru.
Guyyaa duulli birmadummaa eegale irraa kaasee uummanni qaamolee nageenyaaf deeggarsa olaanaa taasisaa jiraachuu eeraniiru.
Duulli qindaa’aan kun fedhii fi hawwii garee shororkeessaa ABUT adda hundatti maseensaa jiraachuu ibsaniiru.
Naannoo Oromiyaatti tarkaanfiin Shaneerratti fudhatamu cimee itti fufuu isaa kaasaniiru.
Keessumaa godiinaalee Shawaa Lixaa, Shawaa Kaabaa, Wallagga Lixaa fi Horro Guduruu Wallaggaatti tarkaanfii cimaan Shaneerratti fudhatamaa jiraachuu eeraniiru.
Injifannoo duula qindaa’aa qaamolee nageenyaa fi uummataan argamaa jiruuf mootummaan galata guddaa kan dhiyeessu ta’uu ibsaniiru.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.