Injifannoo Maaraatoonii Olompikii Itiyoophiyaarraa fagaate deebisuu kootti gammadeera-Atileet Taammiraat Tolaa

Finfinnee, Hagayya 7, 2016 (FBC)- Injifannoo Maaraatoonii Olompikii Itiyoophiyaarraa fagaate ture deebisuutti gammaduu Injifataan Meedaaliyaa Warqee Maaraatoonii Olompikii Paariis Atileet Tammiraat Tolaan ibse.

Gareen Atileetiksii Itiyoophiyaa Olompikii Paariis 33ffaarratti hirmaachaa ture har’a Finfinnee galuun simannaan taasifameeraafi.

Simannaa Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti taasifameerratti Atileet Taammiraat Tolaan yaada kenneen, Atileet Abbabaa Biqilaarraa eegalee Itiyoophiyaan fiigicha maaraatooniin kan beekamtu ta’uu yaadachiiseera.

Injifannoon Maaraatoonii Ityoophiyaarraa fagaatee turus, Maaraatoonnii Olompikii Paariis irratti injifannoo Itiyoophiyaan ittiin beekamtu deebisuutti gammachuu itti dhaga’ame ibseera.

Haalli qilleensaa Paariis yeroo ammaa ho’ina kan qabu ta’uun, atileetonni muuxannoo maaraatoonii qaban hirmaachuun, dorgommicha ulfaataa taasisuu eereera.

Ta’us, haala ture dandamachuun injifannoo galmeessuu dubbateera.

Ummata Itiyoophiyaa, leenjistoota, hoggantoota garichaa tumsa taasisaniif galateeffateera.

Akkasumas eeggataa wayita turetti dorgommicharratti akka hirmaatuuf carraa kan kenneef waayila isaa Maaratoonii Atileet Siisaay Lammaa galateeffateera.

Seenaa Olompikii keessatti Itiyoophiyaan meedaaliyaa Warqee fiigicha Maaraatooniin kan argatte waggoota 24 dura Atileet Gazzaanyi Abarraan Olompikii Awustraaliyaa Siidiniitti gaggeeffamerratti ta’uun ni yaadatama.

Miikiyaas Ayyaalaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment