Injifannoo galmaa’aa jiruuf abbaan Ummata Ityoophiyaati –Birgaadeer Jeneraal Alamuu Ayyane

Finfinnee, Fulbaana 19,2014 (FBC) – Injifannoo galmaa’aa jiruuf abbaan Ummata Ityoophiyaa ta’uu Itti aanaa Ajejaan Ajeja Kibbaa Birgaadeer Jeneraal Alamuu Ayyane ibsaniiru.
Hirmaannaa ummanni Ityoophiyaa daangaa hanga daangatti taasiisaniin injifannoo boonsaan galmaa’aa jiraachuu Birgaadeer Jeneraal Alamuu Ayyane eeraniiru.
Gumaachi ummanni akaakuu fi maallaqaan akkasumas ijoollee eebbisuun gara Raayyaa Ittisaatti erguun taasiisan milkaa’ina aramee keessatti qoodaa olaanaa qabaachuu himaniiru.
Yeroo ammaa hamileen Juuntaa cabuun diiggamaa jiraachuu kaasaniiru.
Hawaasni qaamolee nageenyaa waliin ta’uu naannoo isaa si’oominaan eeggachuu akka qabu Birgaadeer Jeneraal Alamuu Ayyane hubachiisaniiru.
Isheetuu Walda Mikaa’eelii fi Habtaamuu Taklasillaasetu gagaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment