Injifannoo Ashaaraa Magariisaa dachaan daballee boruu keenya har’a ijaarra-BKO

Finfinnee, Adoolessa 9, 2015 (FBC)-Injifannoo Ashaaraa magariisaan gonfanne dachaan daballee boruu keenya har’a ijaarra jechuun Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa ibse.

Biirichi duulaa Ashaaraa Magariisa akka biyyaalessatti boru gaggeeffamu ilaalchisuun ibsaa baaseera.

Guutuun ibsichaa akka ittaanutti dhiyaateera.

Ilmi namaa har’a jiraachuuf qabeenya uumamaa da’oo lubbu qabeeyyii maraafi abdii madaala uumamaa kan ta’e bosona ciree mancaasuun Addunyaa keenya gaaffii keessa galcheera. Jijjiiramni qilleensaa sababa mancaatii qabeenya uumamaan mudataa jiru kun Addunyaa keenyaa har’aa gaaga’uu bira darbee abdii dhaloota boruu dukkaneessuu mala.

Rakkoo kana hiikuuf hoggantoonni idil-addunyaa, qorattoonniifi quuqamtoonni garaa garaa tarkaanfilee fudhachuu irratti argamu. Biyyi keenyas inisheetiivii muummee ministiraa Dr Abiy Ahmad kan ta’e sagantaa Ashaaraa Magariisaa waggoota Arfan darbe labsame ummanni daangaa hanga daangaatti tumsuun milkooftee yaaddoo ummata Addunyaa furuu keessatti gumaacha taasisaa jirti.

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Itoophiyaan hojii irra oolchaa jirtu kun magariisummaa dabaluun madaala qilleensaa eegee rakkoo faalama qilleensaa kaansarii Addunyaa ta’e kana fura. Kana malees, sagantaa kanaan biqiltuu firiin isaanii nyaataaf oolu kumatamaan dhaabuun xiyyeeffannoo kan argate ta’uu isaatiin wabii nyaata mirkaneessuu keessatti gumachaa olaanaa agarsiisee; milkaa’ina dachaas nu gonfachiiseera.

Ummanni keenyas aadaa biqiltuu dhaabuufi kunuunsuu abboota irraa dhaaleefi duudhaa ganamaatti deebi’uun waamicha mootummaan isaa taasise qeebaluun injifannoon Ashaaraa magariisaatiin galmeesse boruu keenya har’a ijaaruu akka dandeenyu mirkaneesseera.

Milkaa’ina keenya kana caalmaan cimsuun Sagantaan Ashaaraa Magariisaa marsaa lammaaffaan jalqabame kun injifannoo arganne injifannoo biraan dabaaluun egeree keenya boruu har’a dhaabuu irratti kan xiyyeeffatedha. Boruu keenya har’a wayita dhaabnu har’a dafqinee boru boqonna; jijjiirama qilleensaa damdamannee biyya keenya magariisa uwwifna. Kanaaf hojii boonsaan waggoota Arfan darbe raawwanne Ashaaraa seena qabeessa faayidaa damdaneessa keenya mirkaneessedha.

Duula dhaabbii biqiltuu Ashaaraa magariisaa boqonnaa jalqabaatiin biqiltuuwwan gosa garaagaraa biliyoona 13.86 dhaabbatee 84 % aammoo akka qabatu gochuu danda’uu ummata keenyaa mirkaneesseera. Sadarkaa Idil Addunyaattis maqaa gaarii biyya keenyaa olkaasee xiyyeeffannoo nu gonfachiiseera.

Sagantaa Ashaaraa magariisaa boqonnaa lammaffaa labsameen akka biyyaatti ganna kana biqiltuu biliyoona 6.5 dhaabuuf karoorfame keessaa naannoon Oromiyaa biqiltuu biliyoona 4.5 dhaabdi. Sagantaa marsaa jalqabaatiin gumaachi Oromiyaa dursaa kan tureefi Kan marsaa lammaaffaatiinis adda durummaa ishee dachaan itti fufsiisuuf xiyyeeffannoo olaanaa argateera.

Ummanni keenyas akkuma kaleessa waamicha mootummaa isaa fudhachuun sagantaa Ashaaraa magariisaa tumsee milkaa’ina ajaa’ibaa galmeesse sagantaa Ashàaraa magariisaa marsaa lammaaffaa gama hundaan utubuun ergama diinagdee magariisaa milkeessuu galmaan ga’uun barbaachisaadha.

Mootummaan naannoo Oromiyaas ergama Oromiyaa magariisaafi biyya badhaate uumuu galmaan ga’uuf hojii tajaajila lammummaatiin xiyyeeffannoon kan hojjetudha. Hojii Ashaaraa magariisaa milkeessuufis gama hundaan tumsa kan taasisu ta’uu ibsaa biqiltuu dhaabuufi kunuunsuun egeree keenya har’a akka dhaabnu waamicha dhiyeessina.

Biiroo Kominikeshinii Oromiyaa

Adoolessa 2015

Finfinnee

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment