Injifannoo Adwaarratti lammiileen Ityoophiyaa hundi wareegama kaffalaniiru – Aadde Adaanach Abeebee

Finfinnee, Guraandhala 22, 2015 (FBC) –Kantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen injifannoo Adwaa waggaa 127ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Injifannoo Adwaarratti lammiileen Ityoophiyaa hundi wareegama qaalii kaffalaniiru jechuun ibsaniiru.

Injifannoon Adwaa injifannoo sabdaneessaa murannoon, tokkummaa fi hirmaannaan Ityoophiyaanoota maraa itti mul’ate ta’uu kaasaniiru.

Adwaan Ityoophiyaarra darbee injifannoo ummattoota guraachaa kutaalee addunyaarratti argaman kan boonse ta’uu ibsaniiru.

Mallattoo gootummaa fi cichoomaa addunyaa dinqisiiseedha jechuun ibsaniiru.

Har’is tokkummaan seenaa boonsaa hojjechuu qabna jechuun dhaamaniiru.

# Ityoophiyaa #Adwaa #Injifannoo

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment