Injifannoo aarsaan argame ittichuuf Nageenya waaressuun murteessaadha – Obbo Awwaluu Abdii

Finfinnee, Bitootessa 15, 2016 (FBC) – Injifannoo aarsaan argame ittichuuf Nageenya waaressuun murteessaa ta’uu Itti Aanaan Pireezidaantii Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin ibsan.

Obbo Awwaluun dhimmoota Misoomaafi Nageenyaa irratti hoggantootaafi Qaamolee hawaasaa Godina Wallagga Lixaa Aanaa Najjoofi Magaalaa Najjoo waliin mari’ataniiru

Qaamoleen hawaasaa maricharratti hirmaatanis, hojii nageenya mirkaneessuuf hojjetamaa jiru keessatti gahee isaanii bahachaa jiraachuu himuun, rakkoo misoomaa bu’uuraa furamuufii akka qabus gaafataniiru.

Injifannoo aarsaan argame ittichuufi misooma eegalame itti fufsiisuuf nageenya waaressuurratti xiyyeeffannaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu Obbo Awwaluun eeraniiru.

Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti Itti Gaafatamaan Siyaasaa Dooktar Biqilaa Hurrisaa, Ummanni ijaaramee nageenya naannoo isaa eeggachuu qaba jedhan.

Gaaffii misooma bu’uuraa hawaasa biraa ka’u deebisuufis ni hojjetama jedhan.

Hoggannaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa Oromiyaa Komishinar Araarsaa Mardaasaan, Hawaasni qaamolee hidhatanii bosona keessa socho’an karaa nagaan galchuu akka qabu eeruun, balballi mootummaas araaraaf banaa ta’uu himuu OBN gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment