Inistitiyuutiin leenjii idileefi ogummaa poolisii Amboo Sanqallee poolisoota idilee 728 eebbise

Finfinnee, Hagayya 21, 2012 (FBC) – Inistitiyuutiin leenjii idileefi ogummaa poolisii Amboo Sanqallee leenjii haaromsaa marsaa 8ffaaf poolisoota idilee 728 baatiwwan lamaaf leenjisaa ture har’a eebbisiseera.

Hogganaan Inistitiyutii Leenjii Poolisii Idilee Sanqallee Komaandar Taariiku Sorsaa, akkaataa leenjiin itti kenname ibsuun Poolisiin Gaachana uummataa waan ta’eef dirqama qabdan bahachuun rakkoo uummatarra gahuu furuu qabdu jechuun dhaamsa dabarsaniiru.

Itti Aanaan Daayreektara olaanaa Akkaadaamii Kolleejjii Poolisii Oromiyaa Komaandar Asaamminew Abdiisaa,yakka walxaxaa mul’achaa jiru ittisuuf poolisii naamusaa fi gahumsa qabu horachuun dirqama waan ta’eef poolisoota hojiirra turan leenjiisuun gahoomsuu irratti xiyyeefatamee qorannoon kan deeggarame ta’u ibsaniiru.

Akka OBN gabaaseetti Poolisoonni leenji’an godinaalee Oromiyaa garaagaraa irraa kan walitti dhufan yoo ta’u leenjii fudhataniin heera biyyaa fi naannoo kabachiisuu akkasumas naamusaafi amanamummaan uummata tajaajiluuf qophii ta’uu dubbataniiru

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment