Inistitiyuutii Qabeenyaa Uumamaa Addunyaa waliin walta’iinsan hojjechuuf haalota dandeessisanirratti mari’atame

Finfinnee, Hagayya 22, 2015 (FBC)- Ministirri Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaan Bakka Bu’oota Inistiitiyuutii Qabeenya Umamaa waliin mari’ataniiru.

Marichaan Dooktar Fitsum jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuuf tarkaanfileen fudhatamaa jiran akka itti fufan ibsaniiru.

Ittisa jijjiirama qabeenya qilleensaarratti muuxannoon inistiitiyuutichaa karoora jijjiirama qabeenya qilleensaa Itiyoophiyaan eegaltee kan tumsu ta’uu himan.

Bakka bu’oonni inistiitiyuutichaa gama isaaniin, Itiyoophiyaan jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuuf tattaaffii taasiftu tumsuuf eeyyamamoo ta’uu ibsaniiru.

Keessumaa jijjiirama qabeenya qilleensaa gama ittisuutiin Itiyoophiyaa waliin bosona deebisanii misoomsuuf walta’iinsaan hojjechuuf fedhii qabaachuu dubbataniiru.

Gama lameeniin fuulduraatti qindoominaa fi walta’iinsaan hojjechuuf marii dandeessisu taasisuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuuk:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment