Inistiityuutichi Moosaajii galmee jechoota seeraa ifoomse

Finfinnee, Waxabajjii 22, 2016 (FBC) – Inistiityuutiin leenjiifi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Moosaajii galmee jechoota seeraa ifoomseera.

Mosaajiin Galmee jechoota kun jechoota Seeraa Afaan Ingilizii irraa gara Afaan Oromootti kan hiiku yoo ta’u, hanqina hiikkaa jechootaa kenniinsa tajaajila haqaa keessatti mul’atu furuuf gumaacha olaanaa qabaachuu eerameera.

Kana dura Galmeen jechoota ogummaarratti xiyyeeffatanii afaan Oromoon barreeffaman muraasa tahuu kan dubbattan Inistitiyuutii leenjiifi Qorannoo Seeraa Oromiyaatti Daayrektarri Daayrektoreetii qorannoo seeraa Obbo Haabtamuu Bultiin, Mosaajichi guddina afaanichaafis shoora olaanaa qaba jedhan.

Inistitiyuutichi kanaan dura kitaaba galmee jechoota seeraa qopheessee kan eebbisisee yoo tahu, guyyaa har’aa kana ammoo Moosaaji galmee jechoota seeraa kana ifoomseera.

Dajanuu Gonfaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment