Inistiityuutichi maashina talaallii Beelladoota baay’inaa fi qulqullinaan oomishuuf gargaaruu Gamtaa Awroopparraa deeggarsaan argate

Finfinnee, Amajjii 13, 2013 (FBC ) – Inistiityuutiin Eegumsa Beelladoota Biyyaalessaa maashina talaallii Beelladoota baay’inaa fi qulqullinaan oomishuuf gargaaru Gamtaa Awroopparraa deeggarsaan argateera.
Maashinichi baasii Yuuroo kuma dhibba 8 olitti tilmaamuun kan bitame ta’uu ibsameera.
Deeggarsichi oomisha talaallii Ityoophiyaarra darbee biyyoota Afrikaa biroof raabsuuf yaaddamee ta’uu himameera.
Yeroo amma kanas talaallii beelladoota 22 ol kan oomishtuu Ityoophiyaan qabeenyaa guddaa beelladoota qabduun ammentaa barbadamuun akka oomishamuuf dhibeewwan garagara jiraachuun Ministeera Qonnaatti Ministir deettaan ministeera misoomaa qabeenyaa beelladaa Dooktar Fiqiruu Nagaasaan himaniiru.
Rakkicha furuufis deeggarsi taasifamee shooraa olaanaa akka qabu ibsaniiru.
Sadarkaa idil addunyaatti bara Faranjoota 2030 dhukkuboota re’ee fi hoolaa baleessuuf karoorri kan qabamee yoo ta’uu Ityoophiyaan ammoo bara Farnjootaa 2027 dhibeecha baleessuuf karooraa qabaachuu ibsameera.
Fatiyaa Abdallaatu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment