Inistiitiyuutiin Teeknooloojii Saayinsii Hawaa Ityoophiyaa Daawwannaaf banaa ta’e

Finfinnee, Muddee 1, 2012 (FBC) – Inistiitiyuutiin Teeknooloojii Saayinsii Hawaa Ityoophiyaa Saatalaayitii jalqabaa qorannoo dacheef gara Hawaatti Muddee 10, 2012 ergamtu sababeeffachuun guyyaa har’aa eegalee Daawwannaaf banaa ta’uu ibsame.

Daawwannichi kan eegalame jila miseensota koree dhaabbii mana mare bakka bu’oota ummataa Af’ yaa’iin durfamuun yoo ta’u, Ministirri Geejjibaa fi aanga’oonni olaanoon mootummaa federaalaa irratti argamaniiru.

Baniinsa sagantichaa irratti dubbii kana taasiisan Ministeer Deettaan Ministira Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Injiiner Geetahuun Makuriyaa, jalqabbiin kun kan jajjabbeeffamu yoo ta’u, waggoota sadin dhufan keessatti Saatalaayitii Koomiiniikeeshinii fi Biroodkaasti gara hawaatti furguuguf qophiin duraa taasiifamaa jiraachuu dubbachuu isaanii ragaan Ministirichaa argame ni mul’isa.

Comments (0)
Add Comment