Inistiitiyuutiin Baayoo Teeknooloojii Ityoophiyaa qoricha dhukkuba koleeraa lukkuu ittisu gabaadhaf dhiyeesse

Finfinnee, Guurrandhala 26, 2012 (FBC) – Inistiitiyuutiin Baayoo Teeknooloojii Ityoophiyaa qoricha dhukkuba koleeraa lukkuu ittisuuf gargaaru hojjechuudhan gabaa Afrikaatif dhiyeesse.

Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Injiinar Abrahaam Balaay hojii inistiitiyuutichaa daawwataniiru.

Inistiitiyuutichi talaallii ittisa koleeraa lukkuu hojjechuudhan gabaadhaf dhiyeessuusaa ni deeggarra jedhan ministirichi.

Qorannichis fangasii lukkuu ittisuuf kan gargaaru ta’uu isaatin abdii kan namatti horudha jedhan.

Maashinni cuunfaa xinqishaa namoota dhuunfaaf carraa hojii uumuu dandeessisu dhiyeenyatti hojiirra kan oolu ta’uu daayreektarri inistiitiyuutichaa Dooktar Kaasaahuun Tasfaayeen himaniiru.

Dawaan bookee busaa ari’u, meeshaan bishaan lagatu, haftee shankooraarraa cileen faalama naannoo hin qaqqabsiisne, hojiin aflaa tooksiinii ittisuu bu’aa galmeessisaa jiru.

Haftee bunaa raammodhaan nyaachisuudhan gara xaa’oo uumamaatti geeddaruun hojjetamaa jiraachuun ibsameera.

Dooktar Abrahaam Balaay damicharratti damee dhuunfaa hirmaachisuudhan akka hojjetamu dhaamaniiru.

Comments (0)
Add Comment