Inistiitiyuutichi mirga abbummee bu’aalee kalaqaa afurii argate

Finfinnee, Waxabajjii 24, 2016 (FBC)- Abbaan Taayitaa Qabeenya Kalaqa Sammuu mirga abbummee bu’aalee kalaqaa Inistiitiyuuti Artifiishaal intalajansiin kalaqaman afurii kenne.

Mirgichis hojiilee kalaqaa teeknooloojiiwwan hubannoo namtolchee bu’uureffachuun gosa dhibee sukkaaraa, gosa dhibee kaansarii harmaa addaa baasu, dhibee gogaa daa’immanii adda baasuuf sirna hojjetu, akkasumas dhibee baala Bunaa addaa baasuuf gargaaraan ta’uun ibsameera.

Daayrektarri Olaanaa Inistitiyuutii Artifiishaal Intalajansii Itiyoophiyaa Injiinar Warquu Gaachaanaan Daayrektara Abbaa Taayitaa Qabeenyaa Kalaqa Sammuu Walduu Yimasil irraa warqaa ragaa mirga abbummee fudhachuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment