Inistiitiyuutichi maashina qorannoon argate kan oomisha falaffaluuf oolu beeksise

Finfinnee, Muddee 6, 2014 (FBC) – Inistiitiyuutiin Baayooteekinooloojii Ityoophiyaa Abbaa Taayitaa Saayinsii fi Teeknooloojii Oromiyaa waliin ta’uun maashina qorannoon argate kan oomisha boqqolloo fi oomishaalee biroo falaffaluuf oolu beeksiseera.

Inistiitiyuutichi maashinicha godina Jimmaa aanaa Qarsaatti kan beeksise yoo ta’u gara fuulduraatti bakkeewwan boqqolloo oomishanitti maashinicha baayyinaan babal’isuuf kan hojjetu ta’uu ibseera.

Maashinichi qaama hojii mootummaan qonnaan bulaa fayyadamaa teeknooloojii taasisuuf hojjetuu ta’uu daayrektarri olaanaan Inistiitiyuutichaa obbo Kaasaahuun Tasfaayee himaniiru.

Maashinicha hojjechuuf waggaa 1 fi ji’a 6 kan fudhate ta’uu ibsuun, maashinichi boqqolloo dabalatee oomishaalee gosa 7 falaffaluu kan danda’u ta’uu eeraniiru.

Argannoon teekinooloojii kun qisaasama oomishaa hir’isuurratti faayidaa guddaa kan qabu ta’uu ibsameera.

Huseen Kamaaltu gabaase.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment