Inisheetiviiwwan qamadii milkeessuuf sanyiiwwan 126 baay’isuurratti xiyyeeffatameera-Inistitiyuuticha

Finfinnee, Sadaasa 18, 2015 (FBC)- Inisheetiviiwwan qamadii jallisii ta’ee karoora alergii akka milkeessuuf sanyiiwwan qamadii 126 ta’an baay’isuurratti xiyyeeffannoon hojjachaa jiraachuu Inistitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa beeksise.

Godina Baalee Aanaa Agaarfaa fi Sinaanaatti ooyiruu qonnaan bulaarratti sanyii qamadii giddugalli qorannoo qonna Sinaanaan baay’ifamaa jiru daawwatameera.

Hoji Gaggeessaan Giddugala Qorannoo Qonna Sinaanaa Obbo Taammanaa Midhaksaa akka jedhanitti giddugalichi bu’aalee qorannoo haaraa baasuu fi madaqsuun fayyadamtoota biraan gahaa jiraachuu himaniiru.

Sanyiileen kunneenis dhibee kan dandamatanii fi oomisha fooyya’aa kennuun qonnaan bultota tumsaa jiraachuu kaasaniiru.

Yeroo ammaa giddugalichi sanyiiwwan haaraa lafa hektaara 180 olirratti baay’isaa jiraachuu eeraniiru.

Hoji Gaggeessaa Ol’aanaan Inistiitiyuutii Qorannoo Qonna Oromiyaa Obbotashoomaa Boggaalaa gamasaaniitiin, giddugaloonni qorannoowwan qonna Oromiyaa qonnaan bultoota qorannoon tumsaa jiraachuu himan.

Keessumaa qorannoowwan qonnaan inisheetiviiwwan qamadii jallisii bonees ta’ee, karoorri alergii akka milkaa’uuf sanyiiwwan 126 ta’an baay’isuurratti xiyyeeffannoon hojjachaa jiraachuus dubbatan.

Ittaanaan Hogganaa Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Bariisoo Fayyisaa naannichatti lafa hektaara miliyoona tokkoo olirratti midhaan akaakuu garagaraa misoomsaa jiraachuu dubbatanii, milkaa’ina hojii qonnaatiif gaheen qorannoowwan qonnaa ol’aanaa ta’uu eeruu ragaan Kominikeeshinii Godina Baaleerraa argame ni mul’isa.

Deeggarsa sanyii filatamaa fi ogummaa Giddugala Qorannoo Qonna Sinaanaarraa argataniin oomishtummaa isaanii fooyyeffachaa jiraachuu qonnaan bultoonni Aanaalee Agaarfaa fi Sinaanaa himaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment