Inisheetiiviin Gaanfa Afrikaa walga’ii Ministirootaa 21ffaa gaggeesse

Finfinnee, Caamsaa 22, 2016 (FBC) – Inisheetiiviin Gaanfa Afrikaa Yaa’ii waggaa Baankii Misooma Afrikaa Keeniyaa Naayiroobiitti gaggeeffamaa jiru cinaatti walga’ii Ministirootaa 21ffaa gaggeesseera.

Lafa naannawaa daangaatti argamu ilaalchisee raawwii waliigaltee Inisheetivichi kana dura raggaasise gamaaggameera.

Piroojektoota Inisheetiviichaa hojiirra oolchuuf dhimmoota dandeessisan, abbummaa naannawaa fi tumsa guddisuurratti mari’ateera jedhame.

Walga’iin Ministira Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiidee fi Dura Taa’aa Baankii Misoomaa Afrikaa Maarii Looreen durfamu kun Badhaadhinaa fi tokkummaa naannawichaaf qooda olaanaa qabaachuu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment