Finfinnee, Bitootessa 13, 2017(FMC) – Ingiliz tattaaffii Itiyoophiyaan nageenya fayyaa mirkaneessuu keessatti qabdu deggeruuf kutannoo akka qabdu beeksiste.
Ministirri fayyaa doktar Maa’icaw Dhaabaa jila Dursaa garee Fayyaa Gloobaal Afrikaa Uzoo’amaakaa Giilpiiniin durfamu waliin mari’ataniiru.
Maree kanaan Itiyoophiyaan balaa tasaa fayyaa keessatti mudatuuf deebii ga’aa kennuuf, uwwisa fayyaa hunda galeessa galmeessisuu fi sirna fayyaa cimsuuf hojiiwwan raawwataman ilaalchisee jilichaaf ibsaniiru.
Tumsi Itiyoophiyaan Ingiliz waliin qabdu qaawwa nageenya fayyaa keessatti mul’atu furuuf, sirna fayyaa hin raafamne ijaaruu fi walga’iinsa fayyaa haqa qabeessa mirkaneessuuf murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Doktar Uzu’aamaakaa Giilpiin guddina tiyoophiyaan adeemsa fooyya’iinsa sirna fayyaa keessatti galmeessaa jirtu dinqisiifataniiru.
Ingiliz tattaaffii biyyattiin nagenya fayyaa mirkaneessuuf gootu deggeruufis kutannoo akka qabdu dubbachuu isaanii ragaan Mikisteer Fayyaa irraa argame ni mul’isa.