Ingiliiz Ityoophiyaaf meeshaalee ittisa koroonaa vaayrasiif tajaajilu ergite

Finfinnee, Eebila 9, 2012 (FBC) – Ingiliiz meeshaalee weerara vaayrasii koroonaa to’achuu fi ittisuuf tajaajilan Ityoophiyaaf ergite.
 
Meeshaaleen kunneen har’a Finfinnee kan ga’an yoo ta’u , tattaaffii Ityoophiyaan weeraricha ittisuuf taasisaa jirtu deeggarsuuf shoora olaanaa qaba jedhameera.
 
Meeshichi deeggarsa maallaqaa Dhaabbanni Misoomaa Idila Addunyaa Ingiliiz taasiseen kan bitame ta’uu isaa ragaan ‘unicef’ Ityoophiyarraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
Comments (0)
Add Comment