Ingiliiz Ityoophiyaaf deeggarsa talaallii Covid 19 doolaara miiliyoona 1 fi kuma 500 ol taasiste

Finfinnee, Fulbaana 6, 2014(FBC)- Ingiliiz Ityoophiyaaf hanga ammatti deeggarsa talaallii vaayrasii koroonaaf doolaara miiliyoona 1 fi kuma 500 ol taasisuu ibsameera.

Ministirr deettaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaa, Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Ingiliiz Aleeks Kaameeroonii fi Daayreektarri haadholii fi daa’immanii Dooktar Masarat Zalaalam Buufata Fayyaa Kotobeetti hojii talaallii covd-19 irratti hojjetamaa jiran daawwataniiru.

Dooktar Darajjeen hanga ammaatti Ingiliiz Ityoophiyaaf talaallii Koovaaksii Doolaara Ameerikaa miiliyoona 1 fi kuma 500 ol taasisuu ishee daawwannaa kanarratti galateeffachuun, deeggarsi kun fuuldurattis akka cimee  akka itti  fufuu gaafataniiru.

Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Ingiliiz gama isaaniitiin mootummaan Ingiliiz deeggarsa talaallii kana biyyoota michoomaa isheef itti fufiinsaan kan kennitu ta’uu ragaan Ministeera Fayyaa irraa argannee ni mul’sa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment