Ingilaand tapha xumuraa Waancaa Awurooppaaf dabarte

Finfinnee, Adoolessa 3, 2016 (FBC) – Tapha Walakkaa xumuraa Waancaa Awurooppaa halka kana taphatameen Ingilaand, Neezarlaand injifachuun tapha xumuraa dabarte.

Ingilaand galchii 2 fi 1n Neezarlaand injifachuun tapha waancaaf geesserti.

Ingilaand waancaaf shaampiyoonaa yeroo 3 Ispeen waliin falmatti.

Ispeen bara Faranjootaa 1964, 2008 fi 2012 Waancaa Awurooppaa kan injifatte yoo ta’u, bara kana yeroo 4ffaaf shaampiyoonaa ta’uuf falmatti.

Ingiliiz ammoo yeroo jalqabaaf Shaampiyoonaa ta’uuf morkatti.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment